Luke 6:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ittille mammaakee, “Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni ammalle mammaasa worrati hime waan jed'eeni, Ballaani dandae ballaani deema? Worri lachu boola keesati injigu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee warratti mammaakee, “Ballaan danda'ee ballaan deemaa? Warrii lachuu boolla keessatti hinjiguu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akkana jedhee mammaaka kana isaanitti hime. Ka ija hin qabne nama ija hin qabne masakkuu danda'aa? Yoo masakke lamaanuu boollatti hin badanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus akkana jedhee mammaaka kana isaanitti hime. Ballaan ballaa masakuu danda'aa? Yoo masake lamaanuu boollatti hin badanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Jaamaan jaamaa eemaru'uuf ni danda'aa ree? Akka kana yoo raawwate ammoo lamaanuu wol qabatanii, boolla keessatti ni kufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an.