Luke 6:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‘Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha’ jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani akami dandeete oboleesa kanketiini, Aadda, eegi, huba ila tante keesaa fuud'a jetta, ka ufiiftu jirma ila tante keesa jiru inargine? D'articha, qara jirma ila tante keesaa fuud'i, yoosi aka dansa huba ila oboleesa kanketi keesa jiru argite keesaa fuuta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan akkam dandeettee obbooleessa keetiin, ‘Aaddaa, eegii, huuba ila tantee keessaa sii fuudhaa’ jetta, ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine? Dharticha, qaraa jirma ila tantee keessaa fudhadhu; yoos akka dansaa huuba ila obbooleessa kankeetii keessa jiru argitee keessaa fuutaafii” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeetta? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi; achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argitaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeettaa? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi, achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argita.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana guddeelcha ija kee keessa jiru uduu hin argin obboleessa keetiin, ‹yaa obboleessa kiyya, mee huuba ija tee keessa jiru si haa baasuu› jechu'uu attamitti dandeetta? Ati yaa fakkeessaa nana, durssiitii guddeelcha ija kee keessa jiru baasi, kanaan duubatti huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleesitee laalu'uuf ni dandeetta.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe.