Luke 6:44 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mukha ch'ufa mid'aani isaatiini beekhani; mid'aani oda waachu iraa inguurani, yokhaani mid'aani zabibu makanisa iraa inguurani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Muka cufa midhaan isaatiin beekan; midhaan odaa waaccuu irraa hinguuran, yokaan midhaan zabiibuu makkaniisa irraa hinguuran.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Munni maruu daraaraa ufiitiin waan beekkamuuf muka qore'ee irraa daraaraa hurbu'uu hin guuran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Munni maruu daraaraa isaatiin waan beekkamuuf muka qore'ee irraa daraaraa hurbu'uu guuran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mukinni marrinuu firii isaatiin ni beekkama, qoree irraa firiin harbbu'uu hin guuramu, akkuma kana ximirroo qore'ee irraa firiin woyinni'ii hin guuramu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu.