Luke 6:46 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‘Goottaa, Goottaa’ jedhaa na waantan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani maalifi, Aabbo, Aabbo naani jettani ammo waan anini jed'u inguunne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee ittuma dabree, “Isan ka waan anin isaniin jedhu hinguunnee maaliif, ‘Aabboo, Aabboo’ naan jettan?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Waan ani isinitti himu uduu hin raawwanne maaf, ‹Gooftaa'a! Gooftaa'a!› jedha'aa na waamtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Waan ani isinitti himu uduu hin hojjanne, maaf, ‹Gooftaa'a, Gooftaa'a› jedha'aa na waamtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Waan ani isinitti himu hin raawwattan, eegaa, waayee maali'itiif yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! Jedha'aa ana waamitan?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‹Goottaa, Goottaa› jedhaa na waantan.