Luke 6:48 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nama mana ijaare, lafa qote, gadi fageese, d'akha gubbati yayabe fakaata. Bokai guddaani lolaase d'awaani mana suni d'omnaani chochou dide, maro aka dansa ijaaraniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nama mana jaaree, lafa qotee, gad fageessee, dhakaa gubbaatti yayyabe fakkaata. Bokkayii guddaan roobee lolaasee dhawaan mana sun dhooftee, marroo akka dansaa jaaraniif, chochoosuu dadhabde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni nama mana ufii dhagaa irratti gad fageessee qotee ijaarate tokko fakkaata. Lolaan hennaa dhufee mana san dhiibe, Manni sun waan dhagaa irratti ijaarameef sochoosuu hin dandeenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni nama mana isaa dhagaa irratti gadi fageessee qotee ijaarate tokko fakkaata. Lolaan hennaa dhufee mana san dhiibe, Manni sun dhakaa irratti waan ijaarameef sochoosuu hin dandeenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
inni'llee gad fageennaan qotee mana isaa siidaa dhagaa jaba'aa irratti, mana hunddeefamee fakkaata, lolaan bishaanii'llee dhufee mana san ni dhiibe, garuu hunddee jabaa irratti waan ijaarameef, sochoosu'uunii hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne.