Luke 6:49 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami dubbi tiyya d'agaye inguunne nama fulla biyye laaftuti, ato yayaba inkayiini, mana ijaare fakaata; d'awaani mana suni guddo irreeni d'oofte jennaani hojuma suni jige — jigansi mana suni waan gudda.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii dubbii tiyya dhaga'ee hinguunne nama fulaa biyyee laftuutti, adoo yayyaba hinkaayin, mana jaare fakkaata. Dhawaan mana sun guddoo irreen dhooftee jennaan yoma sun jige. Jigansii mana sunii waan guddaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni dubbii kiyya dhagayee hujii irra hin oolchine akkasuma nama dhaaba mana ufii gad fageessee hin ijaarre tokko fakkaata. Lolaan dhufee dhiibee mana san kuffisee kufaatiin mana saniillee badaa ta'e.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni dubbii kiyya dhagayee hujii irra hin oolchine akkasuma nama dhaaba mana isaa gadi fageessee hin ijaarre tokko fakkaata. Lolaan dhufee dhiibee mana san kuffisee kufaatiin mana saniillee badaa ta'e.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbii kiyya dhagayee ka hin raawwanne garuu, hunddee mana isaa biyyee irratti nama ijaare fakkaata, lolaan bishaanii dhufee mana san yeroo dhiibeen bakkumatti ni kufe, kufaatiin isaa'llee haalaan ol aanaa ni ta'e.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute» jedhe.