Luke 6:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barsiisoti Seera Muse'eetii (hikkaan gariin barreesiitoota qofa jedha) fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jara Seera beekhufi Farisayooleeni isa eegani aka sila inni guyya Sabato nama fayyisu, aka akasiini waan himataniini isa ira argatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jara seera beekuu fi Fariisotiilleen waan silaa Yesusiin himatan barbaaduuf, mee akka innii guyyaa Sanbataatiin nama fayyisu laala jedhanii isa eegan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonnillee waan isa himataniin sababa soqu'uuf guyyaa Sambataa akka inni fayyisu eega'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonillee waan isa himataniin sababa soqu'uuf guyyaa Sambataa akka inni fayyisu eega'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni'llee yakka Yesusiin ittiin himatan argachu'uuf barbaadanii, «Guyyaa Sanbbataatiin ka isa fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu» jedhanii, ni eeggatan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane.