Luke 6:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, “Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!” jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni herega worraa beekhe, nama harki rifate kaaniini waan jed'e, Kooti, arma ejad'u. Namichi kae achiti ejate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo herrega warraa beekee, nama harkii rifate kaaniin, “Kootti, arma ejji” jedhee namichii ka'ee ach ejje.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo yaada isaanii beekee namicha harki isaa naafateen «ka'ii edduu isaanii dhaabadhu» jedheen; Inni ka'ee dhaabate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo yaada isaanii beekee namicha harki isaa naafateen ka'ii edduu isaanii dhaabadhu jedheen. Innillee ka'ee dhaabate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu yaada isaanii beekee namicha harka naafaatiin, «Ka'iitii jidduu dhaabadhu!» jedheen, naafttichi'llee ka'eeti, jidduu ni dhaabate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate.