Luke 6:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Dubbi toko anini isani gaafad'a: Guyya Sabato waan dansa mo waan hamtu tolchani? Lubbu baasani mo inijeesani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus warraan, “Anin dubbii tokko isan gaafadhaa seerii keennaa guyyaa Sanbataa maal akka tolchiinuu nu ajajja? Guyyaa Sanbataa waan dansaa moo waan hamtuu tolchan? Lubbuu namaa inoolchan moo inijeesaan?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus isaaniin, «Ani waa isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sambataatiin maal akka goonu nu ajaja? waan mishaa mo'o waan hama'a? Lubbuu fayyisu'u mo'o ajjeesu'u?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus isaaniin, «Ani waa isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sambataatiin maal akka goonu nu ajaja? waan mishaa moo waan hama'a? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeesu'u?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti Yesus, «Mee isin haa gaafadhuu, haa ta'u malee guyyaa Sanbbataatiin ka eeyyamamee waan mishaa raawwachu'u moo? yookiin waan hama'a? lubbuu baasu'u moo yookiin balleesu'u?» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe.