Luke 7:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi suni Yesoni dira Naini jed'ani d'aqe; jara isaatiifi gumiini guddooni isa gula yaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sunii Yesus dira Naayin jedhan dhaqee jennaan, jara isaatii fi gumiin guddoon isa gula yaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bariisaallee achii ka'anii gara qachaa Naayin jedhamtuu takka dhaqe; darasoonni isaatii fi gumiin hedduunillee isa woliin deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bariisaallee achii ka'anii gara qachaa Naayin jedhamtuu takka dhaqe; darasoonni isaatii fi gumiin hedduunillee isa woliin deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa itti aanutti Yesus gara magaalaa Naayin jedhamtuu takkaa ni deeme, barattoonni isaatii fi ummanni baayi'een'llee isa woliin ni deeman,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane.