Luke 7:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirt.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fullo dirati d'iaannaani, nama reefa baate yauni arge. Nami due suni ilma tokocha niiti d'iirsa inqamne, nama hedduti ka dira suni isi woliini jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fuloo diraatti dhi'aannaan, nama reeffa baatee yaa'uun arge. Namii du'e sun ilma tokkocha niitii dhiirsa hinqamneeti; namii dira sunii hedduun isii waliin jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gara balbala qachaa sanii dhiyaate jarri tokko nama du'e baadhatanii gad baasan. Ka du'e sun haadha ufiitiif tokkicha ture. Isiin ta abbaa manaa hin qabne turte; baniin qachaa saniillee heddutu woliin ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa gara balbala qachaa sanii dhiyaate, jarri tokko nama du'e baadhatanii gad baasan. Ka du'e sun haadha ufiitiif tokkicha ture. Isiin ta abbaa manaa hin qabne turte; baniin qachaa saniillee heddutu woliin ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus gara balbala magaalaa biraa yeroo gayutti kunoo, namoonni reeffa baadhatanii magaalatti'ii ni bayan ture, naminni du'e'llee haadha isaatiif tokko ni ture, haati'llee haadha hiyyeessaa ta abbaan worraa isi'ii irraa du'e ni turtte, magaalatti'llee namoonni baayi'een isii horddofaniinii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti.