Luke 7:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni Yesoni nama heddu fayyise ka d'ukuba garagara qabuufi ka jinniini gaargalchitele, nama balla heddule fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun Yesus nama dhukkuba gargaraa qabu, ka jinniin gaargalchitee fi nama ballaa hedduullee fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennama sanitti dhukkubaa fi rakkinna dhukkubaa ayyaana hamaa irraallee heddu isaanii fayyise; ka ijaan hin arginellee heddu ija bane.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennama sanitti dhukkubaa fi rakkinna dhukkubaatiin ayyaana hamaa irraallee heddu isaanii fayyise; ballaa hedduullee ija bane.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee yeroo sanitti namoota dhukkubaa fi dhibee adda addaa irraa isaan ni fayyise, hafuurota battiiwwan'llee ni baase, ija jaamota baayi'e'ee ni ibise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane.