Luke 7:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eergantoota Yohaannisiitille'een, “Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan ergattu Yohanatiini jed'e, D'aqa, waan argitaniifi waan d'ageetani Yohanati hima: ballaani lafa arga; naafi kae deema, nami qomaat'a qabu inqulqullaa, ka gurri duude ind'agaya; nama due inkaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ergamtoota Yoh. aannisitiin, “Dhaqaa, waan argitanii fi waan dhageettan Yoh. aannisitti himaa! Ballaan lafa arga; naafii ka'eetti deema, namii qomaaxaa qabu inqulqullaa, ka gurrii duude indhagaa; nama du'e inkaasan, oduu dansaa hiyyeeyyiitti himan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Deema'aatii, waan argitanii fi waan dhageettan Yohaannisitti himaa'a! jaamaan hin arga, worri hokkolu hin deema, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabame hin fayya, worri gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'ellee hin ka'a, Dubbiin Nagayaa hiyyeeyyi'iif hin lallabama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee, «Deema'aatii, waan argitanii fi waan dhageettan Yohaannisitti himaa'a! Ballaan hin arga, worri hokkolu hin deema, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabame hin fayya, worri gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'ellee hin ka'a, Oduun Nagayaa hiyyeeyyi'iif hin lallabama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee ergamootaan akkana isaaniin jedhe, «Deebi'aa deema'aatii Yohaannistti waan argitanii fi waan dhageettan itti himaa, kunoo, jaamonni ni arigan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeesotaaf'llee wongeelli ni lallabama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti.