Luke 7:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Shumini suni waan Yeso d'ageennaani jaarole Yahudi isati erge kad'ate aka inni d'ufe garbicha isaa fayyisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Shuumiin sun waan Yesus dhageennaan jaarrolee Yihudii isaatti ergee, akka innii dhufee hojjataa isaa fayyisuuf kadhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni hennaa waan Yesuusii dhagaye, manguddoota Yihuudi'ii gara isaa ergee akka inni dhufee hojjataa isaa isaaf fayyisu kadhateen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni hennaa waan Yesuusii dhagaye, manguddoota Yihuudii gara isaa ergee, akka inni dhufee hojjataa isaa isaaf fayyisu kadhateen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan dhibaa'llee waayee Yesusii yeroo dhagayetti, jaarsota worra Yihudotaatiin, «Yabo'oo Yesus dhufee tajajilaa kiyya akka naa fayyisu deema'aatii naaf kadhadhaa» jechu'uun, isaan ni erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge.