Luke 7:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‘Suussullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne’ jedhaa wolitti woccu fakkaatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ijoolle fulla gabaya teteete woli yaamtu fakaata, ta waan jettu, Dibbe fuud'aa isanii d'oomne ammo sirbu diddani! Lalalaani iyine ammo isani bohu diddani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ijoollee fulaa gabayaa teteettee wal yaamtu, ta, ‘Dibbee isanii dhoomnee sirbuu diddan; laalalaan iyyinnee ammoo isan boo'uu diddan’ waliin jettu fakkaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ijoollee gabayaa keessa taa'an fakkaatan. Isaan wol waama'aa, ‹Xurumbaa isinii afuufnee isin ammo hin sirbine; faaruu booyaa isinii faarsinee isin ammo hin boonne› jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ijoollee gabayaa keessa taa'an fakkaatan. Isaan wol waama'aa, ‹Xurumbaa isinii afuufnee, isin ammoo hin sirbine. Faaruu booyaa isinii faarsinee, isin ammoo hin boonne› jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakka yaa'ii ta'anii ijoollee taphatan fakkaatan, isaan'llee ufii isaaniitii wol waama'aa, ‹ulullee isiniif ni afuufinne, isin garuu hin sirbine, faaruu booyaa isinii ni baafinne, isin garuu hin boonne› worra jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan.