Luke 7:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fariisayichi yennaa tana dhagge, “Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu” jedhee gadhaa ifiititti yaadate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi Farisayo ka isa gololche kaani garaa ufi keesati waan jed'e, Ato sila namichi kunini raaga tahe, aka niitiini isa tut'u tunini sharmut'atiifi nama daba imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii Fariisotaa ka isa yaamee gololche kaan waan kana argee jennaan, garaa ufii keessatti, “Namichii kunin adoo silaa raaga ta'ee, akka niitiin isa tuxxu tunin nama akkam taatee inbeeka; isiin cubbamtuu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argee «namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate, attamitti akka turtellee hin beeka ture; isiin cubbamtu'u» jedhee garaa ufiititti yaade.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argeet namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate attamitti akka turtellee hin beeka ture. Isiin cubbamtu'u jedhee garaa ufiititti yaade.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fariisichi laaqana isa afeere'llee kana yeroo argetti, «Naminni kun nabiyyii uduu ta'ee jiraateetii, dubarttiin miila isa haxxoofttu tun, eennuun akka taatee fi cubbamittuu attamii akka taate, ni beeka ture,» jechu'uun, onnee isaa titti ni yaade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fariisaayichi yennaa tana dhagge, «Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu» jedhee gadhaa ifiititti yaadate.