Luke 7:40 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaan, “Simoon, ani waan si'itti himu qaba” jedhee dubbate. Innille “Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Simoni, anini dubbi toko ta siini jed'u qaba. Inni waan jed'e, Aabbo, maal?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo deebiseefii, “Simoon, anin dubbii tokko ta siin jedhu qaba” jennaan innii, “Aabboo, maal?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Simoon waan sitti himu qaba» jedheen. Innillee, «Barsiisaa! natti himi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee, «Simoon waan sitti himu qaba» jedheen. Innillee, «Barsiisaa kiyya, natti himi» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Yaa Simoon, waan sitti himu tokko ni qaba,» jedheen. Inni'llee, «Yaa barsiisaa! Tolee natti himi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaan, «Simoon, ani waan si'itti himu qaba» jedhee dubbate. Innille «Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!» jedhe.