Luke 7:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu liqeeffate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Nama tokoti jira ka nami lama gati ira fud'ate; toko shilingi kunki shani, kaani shilingi d'ibba shani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Nama tokkootti ka namii lamaa beesee irraa liqeefate jira; tokko qarshii kuma shanii, kaan ammoo qarshii dhibba shanii irraa liqeefate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee akkana jedheen, «Namoonni lamaa nama birrii liqeessu tokko irraa birrii liqeeffatan. Tokko birrii dhibba shan liqeeffate; kuun ammo birrii shantama liqeeffate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee akkana jedheen, «Namoonni lamaa nama birrii liqeessu tokko irraa birrii liqeeffatan. Tokko birrii dhibba shanii liqeeffate kuun ammoo birrii shantamaa liqeeffate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun haasaya isaa itti ni fufe, «Namicha liqeessaa tokko irraa dinaara ka liqeeffatan namoota lamatu jira ture, tokko dinaara dhibba shanii, ka bira'aa ammoo qarshii shantamaa ni liqeeffatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu liqeeffate.