Luke 7:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Simoon deebisee, “Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaallata anatti fakkaata” jedhe. Yesuus, “Dhugaa jette” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Simoniini waan jed'eeni, Waan anini sehu, ka hori ira gudda lakisaniifi. Inni waan jed'eeni, D'uguma baanta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Simoon deebiseefii, “Akka anin se'uutti, ka horii irra guddaa lakkisaniif” jedhe. Yesus, “Dhuguma baanta” jedhee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan dhiifameef san natti fakkaata» jedheen. Innillee deebisee, «Dhugama dubbatte» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Simoonillee deebisee, «Ka liqaan guddaan dhiifameef sani natti fakkaata» jedheen. Innillee deebisee, «Dhugama dubbate» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Simoon'llee, «Ka liqaan baayi'een hafiteef caalchisee waan isa jaalatu natti fakkaata» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Deebiin kee sirri'i» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaalata natti fakkaata» jedhe. Yesuus, «Dhugaa jette» jedheen.