Luke 7:49 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, “Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?” wol woliin jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari isa woliini tatau garaa ufi keesati waan woliini jed'e, Eennu kunini ka dabale dandae namaa araaramu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii isa waliin tataa'u garaa ufii keessatti, “Eennu kunin ka cubbuullee danda'ee namaa araaramu?” waliin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri isaan woliin hurbaata nyaata'aa jiran garaa ufii keessatti, «Kun ka cubbuu namaa dhiisu eennu? Woliin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri isaan woliin hurbaata nyaata'aa jiran garaa isaanii keessatti, «Kun ka cubbuu namaa dhiisu eennu? Woliin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isa woliin nyaataaf ta'anii ni nyaatan worri turan'llee, «Cubbuu keetiif dhiifama ka taasisu, kun eennuu?» jedha'aa, onnee isaanii titti yaaduu jala ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, «Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?» wol woliin jedhane.