Luke 7:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhi'aate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, “Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni worra woliini deeme. Manati d'iaannaani shumini kaani jaalaani isaa Yesoti erge waan jed'eeni, Aabbo, ingaargaliini. Atini mana kiyya keesa seenu himmalle:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus warra waliin deeme. Shuumiin kaan Yesus mana isaatti dhi'aannaan jaallan ufii itti ergee, “Aabboo, hingaargaliin! Atin mana kiyya keessa seenuu hinmallee;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus isaan woliin deeme; hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a! ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee isaan woliin deeme. Hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a, ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabiin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yesus isaan woliin ni deeme, gara manaa'llee yeroo dhiyaatanitti ajajaan dhibbaa waaheloota isaa akkana jechu'uun gara Yesusii ni erge, «Yaa Gooftaa, ati gara mana kiyyaa aseentu'uuf ka hin malin waan ta'eef, gara mana kiyyaa dhufu'uuf hin dadhabbiin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin;