Luke 7:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‘Deemi’ yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‘Koyi’ yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‘Kana huji’ yoo jedhe hin huja” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anileeni seera jala jira, askartileeni na jala jirti. Yo anini tokooni, Deemi jed'u, inni indeema; yo kad'ibiini, Kooti jed'u, inni ind'ufa; yo garbicha kiyyaani, Akana tolchi jed'u, inni intolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anilleen seera jala jira, warrii waraanaalleen na jala jira. Yo anin tokkoon, ‘Deem’ jedhuu, innii indeema; yo ka dhibiin, ‘Kootti’ jedhuu, innii indhufa; yo hojjataa kiyyaan, ‘Akkana tolchi’ jedhuu, innii intolcha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Ani loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon yoo ‹Deemi› jedhe, inni hin deema; ka biraatiinillee yoo ‹Koottu› jedhe, inni hin dhufa; hojjataa kiyyaan yoo ‹Waan kana huji› jedheen hin huja!»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Anillee loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innillee hin deema; ka biraatiinillee ‹Koottu› yoo jedhe, innillee hin dhufa; hojjataa kiyyaan ‹Waan kana huji› yoo jedheen hin huja»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani mataan kiyyaa itti gaafatamoota kiyyaaf ajajamaa yoo ta'u, anaa gaditti lolttoota ajaju ni qaba. Kanaaf tokkoon ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, kaaniin ‹koottu!› yoo jedhuun ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun ni raawwata.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe.