Luke 7:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, “Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni dubbi tana d'ageennaani guddo mame, garagale waan gumi isa gula yaatuuni jed'e, Waan anini isaniini jed'u, D'ugefacha akana tana anini taka Israeli keesaleti ingarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus dubbii tana dhageennaan guddoo mamee, gumii isa gula yaatuutti garagalee, “Anin dhuguma isanitti himaa, dhugeeffachaa akkanaa tana anin takka Israa'el keessalleetti hingarre” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee kana dhagayee maalalfatee gara banii isa faanaa deema'aaruutitti gara galee, «Ani isinitti hima; amantii guddaa akkasii Israa'eliin keessattuu sirimaa hin argine» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee kana dhagayee maalalfatee gara banii isa faanaa deemaaruutitti garagalee, «Ani isinitti hima, amantii guddaa akkasii Israa'eliin keessattuu sirimaa hin argine» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, gara namoota isa horddofanii'llee gara galee, «Israa'eeliin keessattuu amantii akkana gonkumaa hin arganne, isiniin jedha» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe.