Luke 8:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennateerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubane, mammaassaan kennanti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Waan Finna Waaqa ka duri nama d'ossani yayu isanii kennani; ammo nami kaani mammaasaani barata, aka ato ilaalanile woma inagarre, ato ch'aqasanile woma ind'ageenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii itti himee, “Waan Mootummaa Waaqaa ka durii nama dhossan yaayyuu isanii kennaan; ammoo namii kaan mammaassaan baraata, akka adoo laalaniillee homaa hinagarre, adoo caqasaniillee homaa hindhageenne” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee akkana jedhee isaanii deebise, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawwanii ammo uduu ilaalan akka hin argine; uduu dhagayan akka hin hubanne mammaakkan dubbadha.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkana jedheen, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawaaniif ammoo uduu ilaalan akka hin argine, uduu dhagayan akka hin hubane, mammaakkan dubbadha» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uu isiniif kennamee jira, kuunniin garuu wonitti marrinuu fakkeennan isaatti ni himama, isaan uduma laalan onne'etti hin qabanne, uduma dhagayan'llee akka hin hubanneef» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubanne, mammaassaan kennanti.