Luke 8:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani daandi keesa jigani suni jara dubbi d'agaye fakaatani, ammo ka eege Sheet'ani d'ufe dubbi garaa isaani keesaa baasu, aka d'ugefatani imbaafamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Midhaan daandii keessatti jigi sun warra dubbii dhaga'ee, ammoo sheexanii eegee dhufee akka dhugeeffatanii hinbaaneef dubbii garaa isaanii keessaa baasuu fakkaatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sanyiin karaa qacce'etti bu'e sun namoota dubbii Rabbii dhagayanii akka isaan amananii hin fayyineef daabiloos dhufee dubbii san onnee isaanii keessaa fudhata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sanyiin karaa qace'etti bu'e sun namoota dubbii Rabbii dhagayanii akka isaan amananii hin fayyineef daabiloos dhufee dubbii san onnee isaanii keessaa fudhata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, namoota yero'oof dubbii Waaqaa dhageeffatan, garuu isaan amananii akka hin fayyineef sheexanni dhufee, dubbii onnee isaanii keessaa ni fudhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu.