Luke 8:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sanyiin lafa dhakitii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani d'akha gubba jigani suni jara dubbi d'ageennaani gammadaani fud'ate, ammo hidda inqamne fakaatani. Bulti diqoti d'ugefatani, gaafa ilaalachaani d'ufte lakisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Midhaan dhakaa gubbaatti jigi sun warra dubbii dhageennaan gammachuun fudhatee, ammoo hidda hinqamne fakkaatan. Bulttii diqqoofii dhugeeffatanii, ammoo yo ilaallachaan itti dhuftee lakkisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaga'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu waan hidda hin godhanneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaka'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu hidda waan hin godhaneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee, yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sanyiin lafa dhagaalessa irratti bu'e ka muldhisu, namoota dubbii Waaqaa dhagayanii gammachu'uun fudhataniiti, isaan garuu ka amanan yeromaaf, hidda waan hin qabnneef'llee yeroo qormaataa bakkumatti ni waakkatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin lafa dhakittii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan.