Luke 8:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani biyye dansa keesa jigani suni jara dubbi d'ageennaani garaa d'ugatiifi dansaani qabate obse mid'aani baasu fakaatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Midhaan biyyee dansaa keessatti jigi sun warra dubbii dhageennaan garaa dhugaatiifi dansaan qabatee obsee midhaan baasu fakkaatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammo worra dubbii Rabbii dhagayanii amanamumma'aa fi mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Lafa mishaa irra sanyiin bu'e ka muldhisu garuu, onnee misha'aa fi qalbbii qajeelttu'uun dubbii dhagayanii worra eegan, isaan'llee worra dubbi'iin jabaatanii, firii daraaran.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu.