Luke 8:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ifse bobeese ammo okote jalati d'ossu yokhaani sire jala kayu injiru. Ammo inni gubbati fannisa aka nami olseenu ifsa argu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namii ibsee bobeesee okkotee jalatti dhossu yokaan siree jala kaa'u hinjiru. Isumaa akka namii olseenu ibsee arguu gubbaatti fannisuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni kamuu ifaa ibsee ka waa itti gombisu yookaan ka siree jala kaayu hin jiru. Worri diidaa ol seenan akka ifa argan kololee rogatti mudhisu gubbaa kaayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni kamuu ifaa ibsee ka waa itti gombisu yookiin siree jala ka kaayu hin jiru. Worri diidaa ol seenan akka ifa argan kololee rogatti mudhisu gubbaa kaayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Ibisaa ibisee ginddoo ka itti gonbbisu yookiin ka siree jala kaayu eennu'llee hin jiru, kana irra gara manaa ka aseenan marrinuu ifa isaa akka laalaniif, baattuu ibisa'aa irra ni kaayaan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.