Luke 8:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi waan d'ageetani ch'ufa keesa ufi eegad'a. Wonti akanatiifi, nama wo qabu hagasi ira iti daraniifi, ammo ka woma inqamne diqo inni qabule iraa fuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Tanaaf waan dhageettan cufa keessa ufi eegadha! nama wa qabu hagasiillee irra itti idaaniif, ka homaa hinqamne ammoo diqqqoo innii qabeennaa herregateeyyuu irraa fuudhan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu hennaa dhageettan qulqulleeffadha'aa dhagayaa'a; nama waa qabu kamiifuu eda'amee kennamaaf. Nama waa hin qabne kamuu wonti inni hin qaba jedhee yaadu diqqoon sunuu irraa fudhatamti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu hennaa dhageettan qulqulleeffadhaa dhagaya'aa nama waa qabu kamiifuu eda'amee kennamaaf. Nama waa hin qabne kamuu wonni inni hin qaba jedhee yaadu diqqoon sunuu irraa fudhatamti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaaf dubbii Waaqaa attamitti akka dhageettan ufi eeggadhaa, nama qabuuf dabalamee ni kennamaaf, ka hin qabnne garuu, ni qaba jedhee kammaan yaaduu irraa ni fudhatama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti» jedhe.