Luke 8:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, “Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa” jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa toko Yesoni jara ufi woliini hobolo seene waan worraani jed'e, Gama galaana suniti nu taakisiisa. Tanaafi iti d'aabatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa tokkoo Yesus jara ufii waliin hoboloo seenee, “Gama galaanaa suniitti nu taakkisiisaa” warraan jedhe. Jennaan ka'aanii itti dhabatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaafa tokko inni darasoota ufii woliin gara yabala tokkoo seenee, «Ka'aa galaana gama haa ceenuu» isaaniin jedhe. Isaanillee ka'anii deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaafa tokko inni darasoota ufii woliin gara yabala tokkoo seenee, «Ka'aa galaana gama haa ceenuu» isaaniin jedhe. Isaanillee ka'anii deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko Yesus barattoota isaa woliin hoboloo yaabbateeti, «Gara garba ciisa'aatiin gamaa haa ceenuu» isaaniin jedhe, isaan'llee deemu'uuf ni ka'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane.