Luke 8:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato yaanu Yesoni rafe. Bubbeeni guddo galaana d'oofte, hobolooni bisaaniini guutamu geete, lubbuuni worra d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo yaahanuu Yesus rafe. Bubbeen guddoon bubisaa dhuftee galaana dhooftee, hoboloon bisaaniin guutamuu geettee, lubbuun warratti dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu yabala keessa seenanii deema'aa jiran Yesuusiin hirribni qabee rafe. Yaballillee bisaan hoboonbolattii galaana san irratti ka'een guuttamuu jalqabnaan akka malee sodaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yabala keessa seenanii uduu deema'aa jiran, Yesuusiin hirribni qabee rafe. Yabalillee bisaan hoboonbolattii hora san irratti ka'een guuttamuu jalqabee jennaan, akka malee sodaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garba ciisaa irra dhayata'aa uduu deema'aa jiran, Yesus ni muge, yeroo sanitti'llee bubbeen honbololattii cima'aa garba ciisaa irratti ni ka'e, bishaan'llee hoboloo keessatti guutuu waan jala qabeef, galtteen isaan sodaachisee ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane.