Luke 8:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, “Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!” jedhaneen. Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara Yeso d'aqani damasani waan jed'aniini, Aabbo, ya banne. Inni kae bubbeefi gohanna galaana ch'allisiise, lafti qabanoofte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gara Yesus dhaqanii dammassanii, “Aabboo, Aabboo, ka'i nu dhumuufii” jedhan. Jennaan innii ka'ee bubbee fi dha'aa galaanaallee, callisiisee, laftii qabbanoofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san darasoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Gooftaa keenna banne!» jedha'aa isa kaasan. Inni dammaqee bubbe'ee fi dambalii bisaanii teedeffatee cadhisiise. Dambaliinillee hin cadhise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san darasoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, Gooftaa keenna banne! jedha'aa isa kaasan. Innillee dammaqee bubbe'eef danbalii bisaanii teedeffatee cadhisiise. Dambaliinillee hin cadhise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa'llee, «Yaa barsiisaa! Yaa barsiisaa! Dhumu'uuf jirra!» yoo jedhan, Yesusiin ni damaqissaniin. Inni'llee dammaqee bubbe'ee fi danbalii isa raasu'llee ni baanate, bubbe'ee fi danbaliin raasu'llee bakkumatti ni dhaabatan, chaldhisiisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen. Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e.