Luke 8:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni barattootaan, “Dhugeeffannaan teessan meeti?” jedheen. Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, “Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan worraani jed'e, D'ugefachaani teesani meeti? Worri sodaate, mame waan woliini jed'e, Kunini eennu, ka bubbeefi bisaaleeni sarmaniifi?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii warraan, “dhugeeffachaan teessan meeti?” jedhe. Warrii sodaatee, mamee, “Kunin eennu, ka bubbee fi bisaalleen sarmaniif?” waliin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee, «Amantiin keessan meeti?» jedhee isaan gaafate. Sodaatanii maalala'aa ka qilleensinii fi bisaanillee ajajamaniif kun eennu? woliin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Amantaan keessan meeti» jedhee isaan gaafate. Sodaatanii maalala'aa ka qilleensinii fi bisaanillee ajajamaniif kun eennu? woliin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti'llee Yesus barattoota isaatiin, «Amantiin keessan eessa jira?» isaaniin jedhe. Isaan garuu haalaan maalalffataniitii fi sodaatanii ufii isaaniitii, «Bubbe'ee fi danbalii bishaanii'llee ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif, haa ta'u malee kun eennu?» woliin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen. Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane.