Luke 8:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, “Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yeso arginaani iti lalabe durati jige qonqo guddooni iye waan jed'e, Ati maal nara qabda, Yeso Ilma Waaqa Gubba Jiru? Anini si kad'ad'a, na ingaargalchiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus arginaan itti lallabee miilaa jigee qoonqoo guddoon iyyee, “Yesus ilma Waaqaa Guddaa atin maal narraa qabda? Anin si kadhadhaa, na hingaargalchin” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Yesuusiin arge afoo isaatitti gad kufee laagaa ufii ol fudhatee iyyee, «Ee Yesuus! Ilma Rabbii maraa olii! maal na irraa qabda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusiinillee hennaa arge afoo isaatitti gadi kufee, laagaa ufii ol fudhatee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Rabbii Ol Aana'aa! maal na irraa qabda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesusiin yeroo argetti ni iyye, Yesusiin duranatti'llee kufee qoniqqa ol fudhatee, «Ati Ilma Waaqa ol aana'aa yaa Yesus, ana woliin dhimma maal qabdda? Yabo'oo ana hin makkaraarissin» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe.