Luke 8:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti inni akana jed'eefi waan Yesoni jinniini, Namicha keesaa bahi jed'eefi jinniini maro heddu isa qabde; ato harkafi miila haada sibiilatiini hid'anile inni haada sibiila ch'abse, jinniini alati isa arite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii innii akkana jedheef waan Yesus jinniin, “Namicha keessaa ba'i” jedheef. Jinniin marroo hedduu yo isa qabdu; adoo harkaa miila haada sibiilatin hidhanillee innii haada sibiila ciree, jinniin alootti isa baachi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus hafuurri hamaan namicha keessaa akka bayu waan ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Hennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, haada sibiilaatii fi sibiila lukaatiin hidhama'aa eeggamullee, hidhaa san kukkuta'aa, hunna ayyaana hama'aatiin gara lafa udume'ee oofama'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus hafuurri hamaan namicha keessaa akka bayu waan ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Hennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, sansalata sibiilaatii fi sibiila lukaatiin hidhama'aa eeggamullee, hidhaa san kukkuta'aa, hunna ayyaana hama'aatiin gara lafa udume'ee oofama'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee waayeen jedheef Yesus hafuurri battichi namicha keessaa akka bayu ajajeenii waan tureef. Asin durana'llee hafuurri battichi namicha irratti yeroo baayi'ee itti ka'a ture, birbiraataa fi sibiila miilaatiin'llee hidhama'aa ni eegama ture, haa ta'u malee birbiraata ni kuta, sibiila miilaa'llee ni caccabssa ture. Jinniin'llee isa oofa'aa gara gammoojji'ii ni fidaaniiyyu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture.