Luke 8:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yo'anaa niiti Kuuzaa mana Heroodisii tooyatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoana, niiti Kuza, ka waan mana Herode qorqoratu, ammalle Susanafi nad'eeni d'ibiini heddu, ta hori ufitiini Yesofi jara isaa qarqaartele.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo'aanaa, niitii Kuuzaa, ka waan mana Herodisii qorqorattuu, ammallee Susanaa fi nadheen dhibiilleen hedduun, ta horii ufiitiin Yesusii fi jara isaa qarqaarte isa gula yaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaanaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii, Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaa mana Heerodisii ka ture haadha worraa Kuuza'aa Yohannaan, Soosinna'aa fi tuunniin'llee baayi'eewwan ni turan, dubarttoonni tunniin Yesusii fi barattoota isaa, qarshi'iin isaaniitiin ni tajaajilan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yo'anaa niitii Kuuzaa mana Heroodisii toowatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.