Luke 8:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jinniini nama suni keesaa yaate booyye duude, booyyeeni ch'ufti bale ira gadi orite galaana keesa duude, galaani liqimse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
jinniin namicha sun keessaa yaatee booyyee duuddee, booyyeen cuftii balee irraa gad oriitee galaana keessa duuddee, galanii liliqimse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jinniiwwan sunniin namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jinniiwwan sunillee namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf hafuuronni namicha keessaa baayanii, booyyeewwan keessatti ni aseenan, booyyewwan'llee qilee irraa gatantara'aa ni bu'an, garba ciisa'aa'llee aseenanii ni liqimfaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.