Luke 8:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqeffannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama tokoti jira, ka Yairo jed'ani, inni gudda mana Waaqa iti kad'atani. Inni d'ufe miila Yesoti jige, Mana kiyya kooti jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan namichii yatiros jedhan tokko guddaan ka Mana Waldeenaa dhufee, miila Yesusiitti jigee, “Mana kiyya kootti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture. Wonti inni dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa, guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen. Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti namichi itti gaafatamaan bakka woligayii isaanii ta'e, Yaayiros ka jedhamu tokko ni dhufe, miila Yesusii jalatti kufee, «Yabo'oo gara mana kiyyaa naa koottu» jedhee, ni kadhateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqonfannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate.