Luke 8:42 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti inni Yeso yaameefi intala takati inni qabu ta ganna kud'ani lamati diquma induini. Ato Yesoni deemu, gumiini gama ch'ufa iti baafate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii innii Yesus yaameef intala takkattii innii qabu ta ganna kudhanii lamaatti diqquma hindu'in. Adoo Yesus deemuu, gumiin gama cufaa itti baafatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni wonti dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen. Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee wonitti jedheef umriin isi'ii woggaa kudha lamaa ka ta'een intaltti isaa takka dhukkubisattee, qarree du'aa irra waan turtteef. Yesus'llee isa woliin uduma deema'aa jiru, isa horddofanii ka jiran namoonni baayi'een, wol hacuucu'uun wol ni dhidhiiban ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.