Luke 8:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niitiini toko ta d'iigi haga ganna kud'ani lama keesaa yae, ta hori ufi ch'ufa ch'ireeyiti hobaafte, ammo fayyu dad'abde,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niitii ganna kudhanii lamaa cufa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee, horii ufii ka qabdu cufa cirreeyyiitti hobbaaftee, ammoo fayyuu dadhabde takkatti ach jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartii woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woggaa kudha lamaa irraa jalqabee dubartii dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isii jiga'aa ka makkaraarttu dubarttii takkatu turtte, isiin'llee qabeenna qabddu maraa worra yaaltotaatiif kafalu'uun fixxee, eennu'llee isii fayyisu'uuf hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne.