Luke 8:45 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Ka ana tuqe eennu?” jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, “Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti” jdhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'e, Eentu na tuqe? Nami ch'ufti mormate duuba Petroni waan jed'e, Aabbo, gumiini si marsite si d'id'iibdi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Eentu na tuqe?” jedhee gaafate. Namii cuftii mormatee jennaan Phexros, “Aabboo, gumiin si marsiteetti si dhidhiibuutti jirti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan «nu'uu miti» jedhanii waakkatan. Pheexroos, «Barsiisaa kiyya! gumiin maruu si hucuuceera; si dhiiba'aaralle'e» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan maruu nu'uu miti jedhanii waakkatan. Pheexroosi, «Barsiisaa kiyya, gumiin maruu si hucuuceera, si dhiiba'aaralle'e» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Eennutu ana tuqe?» jechu'uun ni gaafate. Marrinuu, «Nu si hin tuqinne» ni jedhan, Phexiros'llee, «Yaa barsiisaa, ummanni wol hacuuca'aa si yoo horddofu uduu argitu, eennutu ana tuqe jettaa?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Ka ana tuqe eennu?» jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, «Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti» jedhe.