Luke 8:48 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isi'iin, “Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan isiini jed'e, Intala, d'ugefachaani tante ya si fayyifte, beeni, nagayaani gali.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isiin, “Intala tiyya, dhugeeffachan tantee ya si fayyiftee, beenii, nagaan gali” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni, «Mucattii tiyya! amantiin kee si fayyiseeraa nagayaan deemi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee mucattii tiyya amantaan kee si fayyiseeraa nagayaan deem isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isi'iin, «Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.