Luke 8:49 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufee, “Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni tae hasau, nami toko gara mana Yairoti d'ufe waan jed'eeni, Intalti tante yayu doote, laki, Aabbo ingaargalchiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus haasa'uu jiruu namii tokko gara mana yayiroosii ka guddaa mana waldeennaatii dhufee, yayiroosiin, “Intalti tantee yaayyuu dootee, lakkii, Aabboo hingaargalchiin!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduma inni dubbata'aaru namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufee, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduma inni dubbata'a jiru, namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufeetti, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru, naminni tokko itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii mana Iyyaairosiitii ni dhufee, «Intaltti tee duutee jirttiitii, ammaa achitti barsiisaa tasatti, hin dadhabisiisiniin!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin» jedhe.