Luke 8:55 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni isiti deebite, isiini hojuma suni kaate. Yesoni, Sagale kennaafi worraani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoosuma lubbuun itti deebitee, isiin kaatee jennaan Yesus, “Sagalee kennaaf” warraan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammo «waan nyaattu kenna'aafii» jedhee isaan ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammoo waan nyaattu kenna'aafii jedhee isaan ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isiin'llee lubbuun isi'ii waan isi'ii deebiteef bakkumatti ol ni kaate, Yesus'llee, «Waan nyaattu kenna'aafii!» jechu'uun, ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje.