Luke 9:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yesoni jara ufi kud'ani lamaani kaani wolti yaame, jabeennaafi humna jinniini baasaniifi ta d'ukubaani fayyisani kenneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba Yesus jara ufii kudhanii lamaan kaan walti yaamee, jabeenna, humna jinniin baasanii fi ta dhukkubaan fayyisaniillee kenneef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, akka jinniiwwan maraa baasan, akka dhibeellee fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, jinniiwwan maraa akka baasan, dhibeellee akka fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus ergamittoota isaa kudha lamaan gara isaa waamee, huminna jinniiwwan baasu'uutii fi dhibee mara fayyisu'uuf'llee aangoo isaaniif ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne.