Luke 9:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ergattuuni gallaani waan ch'ufa ka tolchite Yesoti himte. Inni kobati yaame fulla dira Bethsaida geese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii gallaan waan tolchite cufa Yesusiitti himte. Jennaan innii warra kophaatti yaamee, gara dira Betsayidaa geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamtoonni deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasaayidaa jedhamtu bira hojjuma ufii gara lafa udume'ee dhaqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ergamtoonnillee deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasayidaa jedhamtu bira hojjuma isaa gara lafa udume'ee dhaqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufaniiti, waan raawwatan maraa Yesusitti ni himan. Inni'llee gara magaalaa Betsayidaa biratti argamittu gara bakka udume'ee titti isaan qabatee ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe.