Luke 9:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, “Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi orruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti galgaloomnaani jari kud'ani lamaani kaani d'ufe waan jed'eeni, Gumi galchi, aka ollafi reera keesa yaate fulla bultitiifi sagale barbaadatu; wonti akanatiifi nuu armiti alo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laftii galgaloomnaan jarii kudhanii lamaan kaan dhufee, “fulaan nu jiruu tun aloo, gumii galchi; akka ollaa fi reera keessa yaatee fulaa bultiitii fi sagalee barbaadattu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isatti dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf gara naannoo ganda baadiyyaa jiranii deemanii akka bulanii fi akka waan nyaatanillee argatan banii kana geegessi» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isati dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf, gara naannoo ganda baadiyaa jiranii deemanii akka bulanii fi waan nyaatanillee akka argatan banii kana geggessi» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaan dhiiyu'uuf yoo dhiyaatutti, barattoonni isaa kudha lamaan gara Yesusii dhiyaatanii, «Bakki jirru kun gammoojji'i, kanaaf namoonni gara magaalotaa fi baadiyyoota naannoo jiranii deemanii, nyaataa fi bakka bultti'ii akka soqataniif, isaan geegessi» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane.