Luke 9:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu. Yesuus barattoota ifiitiin, “Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
(Nami d'iira ch'allaani haga kunki shani ingaha.) Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Shantama shantamaani teteesisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
(Namii dhiiraa callan ka ach jiruu, haga kuma shanii inga'a) Yesus ammoo jara ufitiin, “Shantama shantamaan teteessisaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Baay'inni namootaa'llee haga kuma shanii ni gaya ture. Yesus'llee barattoota isaatiin, «Namoonni shantama, shantamaan qoodamanii akka taa'an taasisaa!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu. Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a» jedhe.