Luke 9:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hanbaa irraa hatte barattooti kolonjoo kudhanii lama fuudhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti quufe, hamba wolti guurani dadu kud'ani lama guutani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii cuftii nyaatee quufee, jarii isaa hambaa walti guuree gundoo kudhanii lamaa guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo masoobii kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo gindoo kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
marrinuu nyaatanii ni quufan, barattoonni isaa'llee ummata irraa ka hafe, hanbbaa butute ginddoo kudha lama guutuu ni kaasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.