Luke 9:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, “Namooti eennu anaan jedhan?” jedhee isaan gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ato Yesoni kobati Waaqa kad'atu, jari isaa gara isaa d'ufe. Inni, Biyyiti eennu naani jetti? jed'e gaafate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaafa tokkoo adoo Yesus kophaatti Waaqaa kadhatuu, jarii isaa gara isaa dhufee innii, “Biyyitii tun eennu naan jetti?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu hojja ufii faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu naan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus hojja ufii uduu faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa tokko Yesus adda isaa uduu kadhata'aa jiru, barattoonni isaa dhufanii isa woliin ni taa'an, inni'llee, «Namoonni anaan eennu naan jedhan?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.